ONM-ABO Bitootessa 1, 2025
Oromiyaa godiinota garaa garaatti ajjeechaan raawwachaa jiru waggoottan torbaaf yeroo deemaa jirutti murni Bilxiginnaa maqaa nageenya kabachiisnaan humnoota waraanaa inni bobbaasaa jiru daranuu nageenya jiraattotaaf balaa hamaa lubbuu isaanii galaafatu ta’ee mul’achaa jira
Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Shaakaa jedhamu keessatti Gurraandhala 25, 2025 maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoof odeessa laatta” jedhuun dargaggoo ganna 23 maqaan isaa Eliyaas Galataa jedhamu ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee waan inni hin beekneen yakkuun haala suukanneessaa ta’een rasaasa itti roobsanii ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, dargaggoon kun hojii dhuunfaasaa malee nama dhimma namaa hin qabnee fi siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin hordofne ta’uu himuun, jaleewwan PP ammoo sababa Oromummaa isaa qofaaf erga ajjeesaniin boodas reeffa isaa maatii dhorkachuun guyyaa tokko booda gaafa Gurraandhala 26, 2025 kadhaa meeqaan fuudhamee awwaalamuus Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Oromiyaa godiinota garaa garaatti ajjeechaan raawwachaa jiru waggoottan torbaaf yeroo deemaa jirutti murni Bilxiginnaa maqaa nageenya kabachiisnaan humnoota waraanaa inni bobbaasaa jiru daranuu nageenya jiraattotaaf balaa hamaa lubbuu isaanii galaafatu ta’ee mul’achaa jira.

