Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo keessatti  waraanni faashistii PP nama nagaa tokko ajjeesuun dhaga’aame

ONM-ABO Guraandhala 9, 2024

Miidhaa fi dhiittaa sirna bittaa kolonii jalaa bahuuf furmaatni jiru qabsoo Bilisummaa jabeessuu qofa jechuun waraanni bilisummaa Oromoo falmaa haadhoftuu geggeessuun lukkeelee diinaa irratti tarkaanfii boonsaa taasisaa jiruutiin rifaatuu Keessa kan seenan kaadirootni PP bakkeewwan adda addaatti waraana bobbaasuun hawaasa nagaa ajjeesuu irratti argamu

Bifuma kanaanis Amajjii 7, 2024 godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Yaamaa jedhamu keessatti abbaa maatii Kan ta’e nama maqaan isaa Gammachuu Baacaa jedhamu waraanni faashistii PP yakka tokko malee rasaasaan waaduun ajjeesuun himame

Obbo Gammachuun yeroo garaagaraatti  murni bilxiginnaa hojii miliishummaa hojjedhu jedhanii rakkisaa akka turan kan dubbatamu, hojiin miliishummaa fedhii isaa akka hin taanee fi ani miidhaa ilmaan Oromoo irraan ga’uudhaaf hin hojjedhu  jedhee jalaa baqachaa akka tures jiraattotni dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version