ONM-ABO Sadaasa 1, 2023
Loltootni aantummaa sabaatti dugda gatuun fedhii abbaa irree tarkaanfachiisuuf gara jabeenya kudhaammatanii, ergama abboota isaanii milkeessuuf uummata nagaatti bobbaafaman, gara laafinaa fi naasuu tokko malee ajjeechaa suukanneessaa Ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru.
Bifuma kanaanis Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Ambaltaa jedhamu keessatti Kaleessa jechuunis Onkoloolessa 31, 2023 waraanni maafiaa PP sochii halkan sa’a 10 irratti taasisaniin dargaggoo maqaan isaa Falmaa Waldee jedhamu qe’ee isaatti marsuun dhukaasa irratti bananii rukutanii ajjeesuun beekame.
Ganda Walga’ii Bubbukaa keessattis nama Shuumaa Dirribaa jedhamu abbaa ijoollee 5 rasaasaan rukutanii kan madeessan yoo ta’u, Shifarree Abdii abbaa ijoollee 6 , Nuuree Nagaash fi Adimaasuu Taaddasee abbaa ijoollee 4 qabanii fuudhanii deemuun magaalaa Dambi Dolloo ganda 07 tti hidhanii dararaa jirus jedhan.
Akkasuma namni maqaan isaa Daggoo Warquu jedhamu abbaa ijoollee 3 kan ta’e osoo irratti dhuka’uu fiigee harkaa ba’es jechuun maddeen dabaluun dubbatu.
Akka maddeen jedhanitti dargageessi Falmaa Wandee jedhamu abbaan isaa waan irraa du’eef hojjetee haadha isaa kan jiraachisu isa qofaadha, haati isaa kun isa dhabuun ishees egereen ishee yaaddessuu dubbatu.
Akka jiraattota gandoota kanneenii Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko tokko jedhanitti gochootni hidhattoota garee kolonel Abiy Ahimediin uummata nagaa irratti raawwatame kun kan hawaasa gandichaa aarsee fi sirnichi ilmaan Oromoo lafa irraa duguuguuf sagantaa mata isaa baafatee hojjachaa jiraachuu isaa agarsiisas jedhaniiru.

