Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aanaa Toongoo, Sayyoo fi Gambeelaa keessatti waraanni faashistii PP ilmaan Oromoo 7 ajjeesuun 1 madeessan 

ONM-ABO Waxabajji 19, 2023

Murni faashistii PP ilmaan Oromoo adamsee badii tokko malee ajjeesuu itti fufuun torbe darbe kana keessa mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz, Gambeellaa fi Qellem Wallaggaa keessatti namoota nagaa ajjeesee jira.

Dheengadda Waxabajji 17, 2023 magaalaa  Gambeellaa  daandii aanaa Anfilloo ganda Waabaatti geessu irratti tarkaanfii ajjeechaa fudhataniin Oromoota 2, Naasir Bantii dhalataa magaalaa Jimmaa fi Amiinoo Sanbataa kan ajjeesan yoo ta’u, kan madaa’e dargaggoo Zalaalem Addunyaa kan jedhamu ta’uun barameera.

Naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Toongoo keessatti Kamisa darbe Waxabajji 14 ganda Tulluu Dhoqonuu jedhamutti nama nagaa waan tokko kessa hin qabne tokko ajjeesuun   achuma ganda sana maatii Haji Huseen Ibraahim jedhamu ilma keetu Waraana Bilisummaa Oromoo ti jechuun maatii tokko guutuutti mana hidhaatti guuranii jiru.

Waxabajji 16, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo bulchiinsa magaalaa Dorgommee bakka addaa Kusaayee jedhamtuttis namoota nagaa 4 waraanni faashistii PP ajjeesanii jiru.

Namootni ajjeefaman kun Nagaasaa Abarraa, Biqilaa Girmaa, Shondee Yohaannis fi nama biraa tokko kan maqaan isaa nu hin ga’in akka jirus barameera.

Exit mobile version