Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Toongoo dabalatee Oromiyaa godinoota garaagaraa keessatti ajjeechaan ilmaan Oromoo itti fufe.
ONM-ABO Hagayya 6,2022 Ajjeechaan ilmaan Oromoo Oromiyaa keessattii fi naannoolee impaayeeratti ilmaan Oromoo keessa jiraatan keessatti geggeeffamu guyyuma guyyaan dabalaa jira.
Hagayya 5,2022 mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Toongoo ganda Kookab keessatti manguddoo abbaa ijoollee sadii ta’an obbo Xa’aa Mahammad jedhamu rasaasa itti roobsuun kan ajjeessan yoo ta’u qeerroo Muuddaasir Nurraddiin Imaanaa jedhamu ammoo miila isa rasaasaan rukkuchuin madeessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Qeerroowwan lamas ammaf maqaa nu hin ga’in qabanii reebicha hamaa erga irran ga’aniin booda fuudhanii deemun magaalaa Toongootti hidhanii kan jiran akka ta’e odeessi achi nu qaqqabe ni addeessa.
Waraanni murna faashistii bilxiginnaa ajjeechaa ilmaan Oromoo irratti raawwatu itti fufuun godina lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii ganda Aallee Wuhaa keessatti kaleessa Hagayya 5,2022 uummata waltajjii yaasuun erga waltajjii xumuraniin booda abbaa daa’ika tokkoo kan ta’e obbo Dingataa Addisuu Shifarraa kan jedhamu badii tokko malee rasaasaan rukutuun ajjeesanii gatan.
Adoolessa 26,2022 godina lixa Shaggar ona Amboo iddoo addaa Tulluu Bagaallootti dargaggoo yakka tokko hin qabne Waaqumaa Hirphasaa jedhamu Waraana Bilisummaa Oromoo geggeessitee deebita ittiin jechuun halkan mana isaanii bira abbaa isaa waliin erga fuudhaniin booda bakka Tulluu Bagaalloo jedhamu kanatti ajjeesuun reeffa lafa tursiisanii akkasumas erga awwaalameen booda akka hin boo’amneef dhorkuu maddeen gabaasaniiru.
Ajjeechaan ilmaan Oromoo irratti murna badii bilxiginnaan raawwatu Oromiyaa bakka cufatti daran hammatee jiraachuun ni beekama.

