Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Naannoo Beenishaangul Gumuz Aanaa Toongoo keessatti loltoonni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisuu fi reebichaan dararuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Amajjii 22, 2025 

Kutaalee impaayerattii cufa keessaa dararaan ilmaan Oromoo irratti guyyuun ergamtoota sirnichaan raawwatu haala duraan barameen olitti jabaatee itti fufee jira.

Aanaa Toongoo ganda Taajaa Jallisii jedhamu keessaa Amajjii 16, 2025 ergamtoonni abbaa irree Koloneel Abiy Ahimed badii tokko malee abbaa amantaa Sheek Jamaal Mohaammad nama jedhamu ukkaamsuun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti achi buuteen faana miilla isaa dhabamee kan jiru ta’uu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Kana malees, gandichuma keessaa guyyaadhuma kana nama maqaan isaa Hiisaa Kabbadaa jedhamu ammoo sababa tokko malee reebicha hamaa irraan gahuun yeroo ammaa Hospitaala magaalaa Toongoo keessatti du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen itti dabaluun ONM’f eeranii jiru.

Namoonni kunneen balleessaa tokkollee kan hin qabnee fi sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkoonni gara jabinaa kunneen irratti raawwatamuu maddeen itti dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version