Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni goolessituun imphaayera Itiyoophiyaa Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyootti dargaggeessa Oromoo tokko ajjeesuun beekame 

ONM-ABO Hagayya 8, 2024

Badii tokko malee dhiiga uummata nagaa dhangalaasuu kan amaleeffate Waraanni faashistii pp goleelee Oromiyaa mara keessatti duula duguuggaa sanyii saba Oromoo irratti raawwachaa jiraachuun beekamaadha. 

Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa jechuun Hagayya 7, 2024 waraanni sirnichaa Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Baddeessoo jedhamutti Dargaggoo maqaan isaa Gammachuu Dastaa jedhamu badii tokko malee akka bineensaatti rasaasa itti roobsuun ajjeesuu maddeen keenya nuuf eeran. 

Akka maddeen keenya nuuf himanitti dargaggoon kun nama siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabnee fi hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa qabuudhas jechuun, gocha gara jabinaa Waraana koloneel Abiy Ahimediin nurratti raawwachaa jiru qaama itti himannus dhabnee bir’achaa jiraachaa jirra jechuudhaan miira gaddaan Arraata Bjyyoolessa Oromiyaatti dubbataniiru.

Exit mobile version