Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni maafiyaa imphaayera Itoophiyaa Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Yamaaloogii Walalitti haala suukkaneessaan haadha ilmaan torbaa ajjeesuun beekame

ONM-ABO Adoolessa 24, 2024

Naamusa waraanummaa  fi naasuu tokkollee uummata nagaaf kan hin qabne waraanni faashistii Bilxiginnaa Kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu jedhuun uummata nagaa haala suukkanneessaan ajjeesaa jiraachuun beekamaadha.

Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa jechuun Adoolessa 22, 2024 waraanni sirnichaa kanneen Koloneel Abiy Ahimediin bobbaafaman godina Qellem Wallaggaa aanaa Yamaaloogii Walal magaalaa Tajjoo  keessatti maanguddoo ganna 60 olii haadha ilmaan 7 kan ta’an nama maqaan isaanii Aadde Nuuraa Bayyanaa jedhaman osoo isaan midhaan daaksifatanii galaa jiranii karaatti akka bineensaatti rasaasa ja’a (6) itti roobsuun haala suukkanneessaan ajjeesuu maddeen keenya nuuf himaniiru.

Akka Maddeen keenya nuuf himanitti Aadde Nuuraan siyaasa kam keessaayyuu nama harka hin qabnee fi hawaasa naannoo biratti jaallatamummaa guddaa kan qaban yoo ta’an, waraanni maafiyaa PP, gocha gara jabina hamaan guuteen badii tokko malee ajjeesuu himuudhaan, miidiyaa uummata Oromoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaan akka darbuuf dhaamaniiru.

Exit mobile version