Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni bilxiginnaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Yamaaloogii Walal keessatti obbolaa lama ajjeesuun dhagaa’ame

ONM-ABO Waxabajjii 23, 2024

Imimmaan haadha hiyyeessaa lolaasuun kan isa gammachiisu Abiy Ahimed loltoota isaa qe’ee uummata Oromootti bobbaasuun dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasisee hawwan Oromoo boochisaa oola.

Kaleessa Waxabajjii 22, 2024 ganama sa’a 1:30 keessa waraanni bilxiginnaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Yamaaloogii Walal ganda Gurraattii iddoo addaa Goggofii jedhamtutti bobba’uun maatii tokko keessaa obbolaa lama naasuu tokko malee ija maatii duratti rasaasa itti roobsuun ajjeesuun gatanii deeman.

Maqaan obbolaa lamaan ajjeefanii kunis; Yohaannis Hordofaa Gomaasii fi Gammachuu Hordofaa Gomaasii yoo ta’an, dargaggootni kun badii qabaataniif osoo hin taane sababa abbaan isaanii WBO waliin hidhatee socho’u qofaaf ta’uu maddeen gabaasan.

Reeffi dargaggoota kanaas erga waraanni sirnichaa naannoo sanarraa deemee hawaasa naannoon kaafamee guyyaama kaleessaa awwaalamuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Exit mobile version