Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Yamaaloogii Walal keessatti waraanni nama nyaataa PP dargaggoota madeessuu itti fufe

ONM-ABO Hagayya 4, 2024

Seeraa fi saayinsii waraanaa tokkollee kan hin beekne waraanni goleessituu PP, godinaalee Oromiyaa cufa keessatti ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun maqaa adda addaa itti maxxansee akka bineensaatti adamsuun ajjeesuu fi hidhuu itti fufee jiraachuun ni beekama.

Haaluma wal fakkaatuun, godina Qellem Wallaggaa aanaa Yamaaloogii Walal keessatti hawaasa nagaa madeessuu fi dararaa jiraachuun baramee jira.

Ganda Laaloo Udoo jedhamu keessatti Adoolessa 31, 2024 dargaggoo maqaan isaa Waaggaarii Kabbadaa jedhamu badii tokko malee rasaasaan rukutuun madoo ulfaataa ta’e irratti raawwachuun yommuu maatiin isaa madoo isaa sana fudhachuuf deeman dhorkamuu isaanii jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Hanga ammaatti dargaggoon kun badii tokko malee rasaasaan rukkutamuun yaala fayyaa tokko illee osoo hin argatin kan jiru ta’uu jiraattonni kun itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Exit mobile version