Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Yamaaloogii Walal keessatti waraanni murna gabroomfataa PP loowwan uummataa saamuu fi jiraattotarratti reebicha ulfaataa raawwachuun dhaga’ame

ONM-ABO Muddee 30, 2025 

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Yamaaloogii Walal ganda Kallii Kaanchii keessaatti guyyaa kaleessaa jechuun Muddee 29, 2025 waraanni murna gabroomfataa PP loowwan uummataa baay’inaan 5n ta’an saamanii deemuun qalatanii akka nyaatanii fi uummata nagaa yakka tokko malee reebaa akka turan jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattonni gandichaa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko tokko jedhanitti, waraanni gabroomfataan Bilxiginnaa aanicha keessatti yakka akkasii irra deddeebiidhaan raawwachaa turuu eeranii, guyyaa kaleessaas akkuma amala isaanii namoota maqaan isaanii:

  1. Ibraahim Baqqalaa,
  2. Bojaa Baqqalaa,
  3. Baqqalaa Gammachuu fi 
  4. Baqqalaa Dobocee 

jedhaman jalaa loowwan baay’inaan 5 ta’an ooffatanii deemuun aanaa Sayyoo ganda Baddeessoo jedhamuun waamamtu bakka qubsuma isaaniitti qalatanii nyaatan” jechuun addeessanii jiru.

Waraanni kunneen loowwan saamuun cinatti uummata nagaa yakka hin qabne irratti reebicha hamaa raawwatanii jiraachuu jiraattonni gandichaa dubbachuun, dararaan murna maafiyaa PP’n nurraa ga’aa jiru waan salphaatti himamee dhumuu hin dandeenye, sababa ergamtoota dantaa garaa isaaniif dhiphataniif jecha qe’ee keenyarratti salphina keessummeessuun qabeenyi nuti dafqa keenyaan dadhabnee barootaaf horannes nu jalaa saamamaa jira “jechuun dabaluun miira gaddaan guutameen rakkoo isaan muudate ibsatanii jiru.

Ergamtoonni sirna bututaa Bilxiginnaa, goleewwan Oromiyaa mara keessatti saamicha mul’ataa uummata irratti raawwachaa jiraniin qabeenya uummataa qisaasessuun faayidaa mataa isaaniif oolfachaa, ilmaan sabichaa danuu ajjeesanii gatuun naatoo namummaa fi miira uummata keessaa dhalataniif itti yaadan dhabuun diinummaa uummata Oromoof qaban jabeessanii itti fufanii jiraachuun isaanii haqa hin haalamnedha.

Exit mobile version