Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Lixa Shaggar Aanaa Qarsaa Maalimaa keessatti waraanni murna gabroomfataa PP loowwan uummata jalaa saamanii qalachuun dhaga’ame

ONM-ABO Muddee 17, 2025 

Kibba Lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maalimaa ganda Gooroo Garbeelii keessatti Muddee 16, 2025 waraanni murna gabroomfataa PP qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Girmaa Baqqalaa jedhamu jalaa Qotiyyoo tokko gara magaalaa Kusaayee geessuun qalatanii akka nyaatan jiraattonni bakkicharraa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko tokko rakkoo uumame kana  himan.

Akka jiraattonni bakkichaa jedhanitti, yakka tokko malee maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabda” jedhuun barjaa dharaa itti maxxansanii erga reebicha ulfaataa qaama laalessu irraan ga’aniin booda qotiyyoo isaa jalaa fudhachuun qalatanii nyaachuu dubbatu.

“Waraana murni Bilxiginnaa nutti bobbaaseen akka itti jiraannu dhabnee jirra kan jedhan jiraattonni, rakkoon murna kanaan irra deddeebi’ee nurratti raawwatamaa jirus abdii jireenyaa nu dhabsiiseera, qaama itti himannu hin qabnu” jechuun miira gaddaan guutameen dabaluun dubbatu jiraattonni.

Uummata Oromoo lafarraa balleessuu karoorfachuun hojiitti kan jiru sirni bututaan Bilxiginnaa, ergamtoota garaa isaaniif jiraatan dantaan gowwomsuun qe’ee Oromootaatti bobbaasee nagaa uummataa gooluun, hedduus gara-laafina tokko malee haala suukanneessaan ajjeesanii gatuun soorata bineensaa gochuun gariin ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisuu, maatii sabboontotaati maqaa jedhuunis mana uummataa qabeenya keessa jiru waliin gubanii balleessuun kan duraa caalaatti daran jabeessanii itti fufanii jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version