Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Lixa Shaggar Aanaa Tolee keessatti waraanni gabroomfataa PP qabeenya uummataa saamuu fi mana jireenyaa uummataa gubaa jiraachuun ifoome

ONM-ABO Muddee 16, 2025 

Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Bassii Bilidaa jedhamuun waamamtu keessatti waraanni murna gabroomfataa PP kaleessa Muddee 15,2025 maqaa “WBO waliin hariiroo qabda”jedhuun qabeenya saamuu fi mana jireenyaa abbaa maatii tokkoo gubuu jiraattonni naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattonni jedhanitti, waraanni ergama sirna Bilxiginnaa fudhachuun gandicha keessa bobbaafaman yakka tokko malee akkuma amala isaanii maqaa dharaa da’eeffachuun, mana nama maqaan isaa Obbo Takiluu Kafanii jedhamu jalaa gubuu fi qabeenya isaa meeshaalee mana keessaa osoo hin hambisiin gariin saamanii kan saamicha isaanii irraa hafe ammoo mana keessa ibidda itti shiduun akka guban dubbatu.

Gandicha keessatti waraanni sirna-dhabileeyyii murna maafiyaa PP yeroo 3ffaaf manneen jireenyaa uummata jalaa gubaa jiraachuu kan himan jiraattonni, “doorsisaa fi reebicha ulfaataa, saamicha daangaa darbe qabeenya keenya kan barootaaf dafqinee horanne irratti murna kanaan raawwatamuu fi hidhaa akkasumas ajjeechaa gara jabinaa waraana gabroomfataa kanneeniin nurra ga’aa jiruuf filannoo jireenyaa dhabnee jirra jechuun dabaluun addeessanii jiru.

Impaayera Itoophiyaa kufuuf deemsa irra jirtu kufaatii irraa baraaranii ijaaruuf ergamtoonni ergama gooftaa isaanii koloneel Abiy Ahmediin fudhatanii Oromiyaa mara keessa bobbaafaman kallattii isaaniif mijatu maraan uummata Oromoo irratti daba seenaan hin daganne raawwachaa turuu fi hammas gocha hammeenyummaa isaanii daran babal’isanii hammeessanii jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version