Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Tolee fi Bachootti waraanni maafiyaan PP nama tokko achi buutee dhabamsiisuu fi mana uummataa gubuun dhaga’ame

ONM-ABO Adoolessa 8, 2025 

Aanaa Tolee ganda Gonnaan Bubbisaa keessatti, Adooleessa 5, 2025 waraanni Bilxigginnaa nama maqaan isaa Turufii Abarraa jedhamu nama nagaa jireenya isaa gaggeefachuu malee siyaasa qaama kamiiyyuu keessaa harka kan hin qabne, aanaa Sadeen Sooddoo magaalaa Harbuu Culuullee keessaa qabee achi buutee dhabamsiisuun, hanga ammaatti iddoon inni jiru osoo hin beekamin jiraachuu  jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Oduu birootiin ammoo, godinichuma aanaa Bachoo ganda Uraagoo Xaddeetti, Adooleessa 6, 2025 waraanni Bilxiginnaa maqaa ” WBO deggartu” jedhuun nama maqaan isaa: 

  1. Aabbuu Urgeessaa jedhamuu fi abbaa isaa 
  2. Obbo Urgeessaa Alii 

jalaa qabeenya mana keessaa guutuu waliin mana jireenyaa isaanii abiddaan gubanii barbadeessuus himaniiru.

“Uummanni Oromoo roorroon daangaa darbe kun mootummaa abbaa irree kanaan osoo irratti raawwatamaa jiruu callisuun faloo akka hin taane hubachuun irree tokkichaan waliin hiriiree irree fi wabii sabichaa kan ta’e Waraana Bilisummaa Oromoo tumsuun dirqama lammii kamiiyyuu ta’uu hubatee garee faashistii kana bakkaa kaasuuf hojjechuu qaba jechuun dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version