Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Mana Sibuutti waraanni faashistii PP namoota 3 haala suukkanneessaa ta’een ajjeesuun, nama 1 ammoo achi buutee dhabamsiisuun beekame

ONM-ABO Caamsaa 16, 2025 

Murni ajjeesuu malee rakkoo uummataaf furmaata kennuu hin feene Bilxiginnaan, loltoota isaa kumaatamaan goleewwan Oromiyaa cufatti bobbaasuun duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwachiisuu itti fufee jira. 

Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Coommoo bakka addaa Hambaa Sabaattii jedhamee waamamu  keessaa Caamsaa 13, 2025 waraanni maafiyaan PP namoota maqaan isaanii:

  1. Toofiq Musxafaa fi
  2.  Naasir Mohaammud 

jedhaman rasaasa itti roobsuun yoo ajjeesan, obboleessuma Naasir kan ta’e Sayiid Mohaammudiin ammoo achi buutee dhabamsiisuun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti maatiin isaa barbaadanii dhabuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Bifuma wal fakkaatuun, aanichuma ganda Abbaa Cannaaloo jedhamu keessaa ammoo Caamsaa 14, 2025 nama maqaan isaa Gammachuu Tooboo jedhamus badii tokko malee mana jireenyaa isaatii ukkaamsuun daandii gubbaatti rasaasa itti roobsanii haala nama gaddisiisuun ajjeesanii gatuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsaniiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni nagaan duguuggaan sanyii irratti raawwatame kunneen tuttuqqaa siyaasa kamiiyyuu kan hin qabnee fi hojii qonnaatiin jireenya dhuunfaa isaanii kan geggeeffatan yoo ta’an, dhiiga namoota nagaa dhangalaasuun umurii aangoo isaanii waan dheeressu kan itti fakkaatu murni Bilxiginnaa garuu sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakka gara jabinaa kana irratti raawwachuus himaniiru.

Exit mobile version