Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa wallaggaa aanaa Gimbii Keessaa qonnaan bultoota lama namoota horii gabaa baafatan waraanni faashistii PP qabuun qabeenyaa saamuun achi buutee dhabamsiisuun beekame 

ONM- ABO Muddee 22, 2023

Miidhaan akka sabaatti ilmaan Oromoo irra ga’aa jiru Kan hiriyyaa hin qabne yoo ta’u, uummatni Oromoo yakka tokko malee qe’ee fi maatii isaa irraa humnoota mootummaan hidhachiifaman poolisoota idilee, milishootaa fi waraana raayyaa ittisa impaayerattiin, qabeenyaan isaa itti saamamaa, dirqiin dirree waraanaatti ergamaa fi hidhaan achi buutee dhabamsiifamuu bira darbee, lubbuun haawwanii fi daa’immanii guyyuu obba’aa oolaa jira.

Haaluma kanaan torbee darbe keessa qonnaan bultoota lama jiraattota godina lixa Wallaggaa aanaa Gimbii ganda Joogir Kan ta’aan, horii isaanii gabaa Gimbii geeffaachuun gurgurachuuf gabaa Kan baasan yoo ta’u, qonnaan bultoota kanneen waraannii maafi’aa PP maqaa waraana bilisummaa Oromoo nyaachistuu fi daandii agarsiistu jedhuun dharaan yakkuun yeroo muraasaaf mooraa isaanitti hidhanii Kan turan yoo ta’u,yeroo ammaa maatiin deemuun yoo gaafatan nuti hin beeknu nurraa deemaa Jechuun dararaa akka jiran beekameera.

Qonnaan bultoota qaban Kana irraa maallaqa Kan saaman yoo ta’u, nama maqaan isaa obbo Maabiraatee Asheetuu jedhamu jalaa qarshii kuma jahatamaa (60,000) akkasumas Obbo Najjaash Bakaree irraa ammoo qarshii kuma torba (7000) fuudhun  manneen hidhaatti yeroof Kan gatan yoo ta’u, haalli fayyummaa qonnan bultoota kana maatii yaaddoo guddaa keessa galchuun yeroo ammaas eenyuun akka gaafatanii fi eessatti akka iyyatan wallaaluun rakkoof saaxilamanii qorqalbiin miidhamaa akka jiran maddeen ONMtti himan.

Exit mobile version