Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Gimbii fi Haaruu keessatti ajjeechaa fi hidhaan Waraana impaayerattiin ilmaan Oromoo irratti geggeeffamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Bitootessa 29, 2025 

Ergamtoonni gara jabeeyyiin PP duula duguuggaa sanyii saba Oromoo irratti geggeessaa jiran jabeessanii itti fufuun godina Lixa Wallaggaa aanaa Gimbii ganda Garjoo Biqilaalitti Bitootessa 21, 2025 nama nagaa tokko haala suukkanneessaan ajjeesuun, nama tokko ammoo mana isaa keessaa ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himan.

Maqaan nama ajjeefamee kunis: Shibbiruu Taammiruu kan jedhamu yoo ta’u, guyyaadhuma sana badii tokko malee qe’ee fi qabeenya isaa irraa ukkaamfamuun achi buutee kan dhabamsiifame ammoo; Yohaannis Galataa nama jedhamu akka ta’e maddeen ONM’ addeessaniiru.

Oduu biraatiin ammoo godinuma kana aanaa Haaruu ganda Aallebantaa keessatti Bitootessa 26, 2025 waraanni Bilxiginnaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoof rifeensa dhooftu jedhuun shamarran lama kanneen maqaan isaanii:

  1. Tsaayee Wandimmuu Mangashaa fi
  2. Gaaddisee Alamaayyoo Qannoo 

jedhaman waajjira poolisii aanichaatti hidhee hiraarsaa jiraachuus itti dabaluun maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Exit mobile version