ONM-ABO Eebila 21, 2023
Murni bilxginnaa goolumsaa fi jeequmsa siyaasaa keessaa impaayerattii gara nagaa fi tasgabbiitti ceesisuu dadhabuun guyyaa gara guyyaatti waraana isaa Oromiyaa keessatti bobbaasee ilmaan Oromoo irratti ajjeechaa suukkanneessaa raawwachaa fi gariin ammoo qabuun achi buutee dhabamsiisaa jira.
Waraanni shororkeessaan bilxginnaa nagaa uummataa gooluu fi dhiiga ilmaan Oromoo dhuguu bare godina lixa Wallaggaa aanaa Gimbii ganda Gagga’oo Qarree jedhamu keessatti kaleessa Eebila 20, 2023 ganama barii sa’a 11:30 akka lakkoofsa impaayerattiitti dargaggoo Lammaa Hayiluu jedhamu qabuun qaama isaa irra saanjaan wawwaraanuun, rasaasa itti roobsanii erga ajjeesaniin booda dhuma irrattis akka horiitti albeen morma isaa qaluun gocha suukkanneessaa dhala namaaf hin malle irratti raawwatanii jiru .
Oduu biraatiin ganduma Gagga’oo Qarree keessaa dargaggoota afur qabuun achi buutee dhabamsiisanii jiru. Dargaggootni qabaman kunis hanga gabaasni kun qindaa’etti eessa akka geeffaman hin beekamin jiru.
Maqaan Dargaggoota kanaas Shibbiruu Daggafaa, obboleewwan Lalisaa Guutee fi Dirribaa Guutee jedhaman qabuun achii buutee kan dhabamsiisan yoo ta’u, maatii fi firoonni isaanii lubbuun jiruu fi hin jirree isaanii akka itti adda baasan dhabuun yaaddoo keessa jiraachuu maddeen aanaa Gimbii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

