Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Haaruu keessatti loltoonni impaayera Itiyoophiyaa hawaasa nagaa irratti dhukaasa banuun dargaggoo tokko battalatti yoo ajjeesan, shamarree tokko ammoo madeessuun dhaga’ame

ONM-ABO Bitootessa 16, 2025 

Aanaa Haaruu ganda Aallebaantaa bakka addaa Dildila Gelel jedhamu keessatti Bitootessa 12, 2025 waraanni sirnichaa hawaasa nagaa magaalaa oolee gara qe’ee isaatti galaa jiru irratti dhukaasa banuun dargaggoo Eliyaas Tasfaayee Biraanuu jedhamu rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een battalatti yoo ajjeesan, shamarree Maaramee Fiqaaduu Guuttataa ammoo madoo ulfaataa madeessuun wayita ammaa du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Dargaggoon ajjeefamee fi shamarreen madoofte kunneen guyyaan sun guyyaa gabaa magaalaa Haaruu waan ta’eef hojii daldalaa irra oolanii galaa osoo jiranii boqochuuf gaaddisa mukaa jala osoo isaan taa’aa jiranii WBO argine jechuun sobanii itti dhukaasuun haala nama gaddisiisuun miidhaa kana irratti raawwachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Murni Bilxiginnaa afaaniin nagaa labsaa guyyaa guyyaatti ammoo waraana isaa safuu uummataa fi saayinsii waraanummaa hin kabajne goleewwan Oromiyaa maratti bobbaasuun uummata  Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa garaa garaa raawwachiisaa jira.

Exit mobile version