Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistiin PP Lixa Wallaggaa Aanaa Haaruu keessatti rasaasa itti roobsuun dargaggoo tokko ajjeesuun sadii madeessuun dhagaa’ame

ONM-ABO Amajjii 20, 2025 

Dararaa tilmaama hin qabne eegdota isaa bobbaasuun ilmaan Oromoo irratti raawwachiisaa kan oolu faashistichi abbaa irree impaayerattii Bilxiginnaan goleewwan Oromiyaa cufa keessatti gochoota ciiggaassisoo dhala namaaf hin malle Oromoota irratti raawwachiisaa jira.

Xiqqaa fi guddaa beekaa fi wallaalaa osoo hin jenne Oromummaa isaa qofaan lubbuu ilmaan Oromoo akka baala mukaatti harcaasaa kan oolu murni PP yeroo irraa gara yerootti gara laafina tokko malee  dhiiga namoota nagaa dhangalaasuun duguuggaa sanyii geggeessaa jiru daran hammeessee jira.

Godina Lixaa Wallaggaa aanaa Haaruu ganda Maanetii Acootti Amajjii 13, 2024 galgala dargaggoota  4 utuu isaan lafa qonnaatii qamadii  irraa bineensa eegaa jiraanii rasaasa itti roobsuun, Iyyaasuu Tsaggaayee kan jedhamu battala yoo ajjeefamu, Isqeel Galataa, Qannoo Assachoo, Ifaa Abbiyyee kanneen  jedhaman immoo madaa’anii hospitaala galanii yaalamaa jiraachuu maddeen ONM’f gabaasan.

Exit mobile version