Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa Aanaa Haaruu irraa miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko WBO’tti harka kennate

ONM-ABO Amajjii 15, 2025 

Goolessitoonni waraana Bilxiginnaa guyyuu ajaja dabaa faashisticha impaayerattii Koloneel Abiy Ahimed irraa itti kenname raawwachuuf goleewwan Oromiyaa keessatti bobbaafaman tarkaanfiilee gootichi waraana bilisummaa Oromoo irratti fudhachaa jiruun gariin lubbuu isaanii dhabaa gariin madoo hamaan adabamaa kan oolan yoo ta’u, isaan keessaa kanneen quuqama saba isaanii qaban guyyuu hidhannoo fi qawwee isaaniin WBO’tti makamaa oolu.

Ilmaan Oromoo doorsisaa fi ukkaamsaa, Bilxiginnaan kaayyoo murnichaa akka tiksaniif dirree waraanaatti ergamuun guyyaa dhufee darbuun lola isaan hin ilaallanetti hirmaachuun soora bineensaa ta’aa ooluun kan beekamuudha. Haa ta’u malee hammeenyaa fi diinummaa sirnichaa kanneen hubatan immoo lubbuu isaanii oolfachuuf hidhannoo guutuun ABO-WBO’tti makamaa jiru. 

Amajjii 13, 2025 aanaa Haaruu irraa miseensi raayyaa ittisa impaayerattii WBO’tti yoo harka kennatu, simannaa WBO’n taasiseefitti gammaduun kanneen ilmaan Oromoo ta’anii alagaaf qawwee baatanii saba isaanii dararaa jiraniin osoo yeroon jirtuu hidhannoof qawwee keessan waliin gara qabsoo bilisummaa Oromoo ABO-WBO’n geggeeffamaa jiruutti makamuun Oromiyaaf dhaabbadhaa jechuun dhaamsa isaa dabarseefii jira.

Exit mobile version