Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbee irraa miseensi waraana garboomfataa PP tokko gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuun dhaga’ame 

ONM-ABO Caamsaa 30, 2025 

Namni maatii bulchu gara dirree waraanaatti geeffamuun maatiin isaa itti gaafatamummaa fi gargaarsa dhabee gidiraa fi hiyyumaaf saaxilamaa kan jiru yoo ta’u, kanneen fedhiii fi yaada isaaniin ala dirqiin guuramaa jiran hedduun mooraa balfamaa PP ganuun gara irree fi abdii sabaa WBO’tti harka kennachuu cimsanii itti fufaniiru.

Rakkoo Bilxiginnaan namoota fedhii qaban leenjisuuf dhabee dirqiin guuree mooraa leenjiitti erguu jabaatee jiru kanaatti miseensotni waraana isaa WBO’tti makamuu itti fufuun Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee irraa Caamsaa 29, 2025 miseensi waraana Abiy Ahimed tokko qawwee AKM 1 fi hidhannoo qabatee WBO’tti akka dhufe hooggansi WBO naannichaa ONM’f eeraniiru.

Sababa waraana impaayerattii keessatti gaggeeffamaa jiru kanaan maatiin namoota dirqiin guuramanii yaaddoo irraa kan ka’e rakkoo xiin-sammuuf saaxilamuu fi guyyuu du’a ilmaan isaanii eeguun dhiphachaa jiru.

Ilmaan Oromoo waraana faashistii PP keessatti maqaa mootummaa Oromoo tiksuun Abiy Ahimediin aangoo irra tursuuf lubbuu dhabaa kan jiran yoo ta’u, ilmaan Oromoo adeemsa kana mormuun guyya guyyaan mooraa Bilxiginnaa ganuun WBOtti makamuu fi kana gochuu isaaniittis gammachuu itti dhaga’amu ibsachaa jiru.

Miseensi loltuu Bilxiginnaa duraanii Baakkoo Tiibbee keessatti WBO’tti harka kennate rakkoo mooraa waraanaa Bilxiginnaa keessatti ilmaan Oromoo ilaalcha sanyummaa dabalatee shakkii siyaasaan lubbuu baasuu fi tibba lolaatti dirree waraanaa garaa garaatti gara fuulduratti dhiibuun lubbuu obbaasuu mooricha keessatti jabaatee jiraachuu hubattanii yeroon gara irree fi gaachana saba Oromoo WBO’tti dabalamuun lola hiree murteeffannaa uummatichaa keessatti kottaa qooda fudhadhaa jechuun dhaamsa isaa dabarfatee jira.

Exit mobile version