ONM-ABO Caamsaa 20, 2025
Waraanni Bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti dargaggoota Oromoo umuriin isaanii hin geenye humnaan ukkaamsuun gara mooraa leenjii waraanaatti guuruu jabeessus, kanneen sabboonummaa fi quuqamni itti dhaga’amu mooraa sirnichaa balfuun WBO’tti makamuu cimsanii itti fufaniiru.
Bifuma kanaanis tibba kana Baha Oromiyaa, Lixa Oromiyaa, Giddu Galeessaa fi Kibba Oromiyaa keessaa waraanni maafiyaan PP hedduun WBO’tti makamaa kan jiran oggaa ta’u, Caamsaa 16, 2025 godina Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii bulchiinsa magaalaa Wanjoo irraa miseensi waraana faashistii PP tokko qawwee fi hidhannoo guutuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuun dhaga’ameera.
Miseensi waraanaa kunis qabiinsaa fi jaalala WBO’n isatti argisiisetti gammaduun hiriyoota isaa dirqamaan afaan qawween ukkamfamuun dirree waraanaatti ergamanii leenji’uun meeshaa diinaa baachaa jiraniin, dararaa fi roorroo saba keessan irratti raawwachaa jiru argaa waan jirtaniif saba gabrummaan ba’aa ulfaataa itti ta’e kana boquu ol qabuun yeroon isaa amma kottaa irree fi wabii sabichaa WBO’tti makamuun biyya keessan Oromiyaaf lolaa jechuun dhaamsa isaa dabarfatee jira.

