Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Lataa Sibuu keessaa miseensi waraana Bilxiginnaa tokko WBO’tti harka kennate

ONM-ABO Waxabajjii 22, 2025 

Waraanni bututtuu impaayera Itiyoophiyaa tiksuuf goleewwan Oromiyaa cufatti bobbaafaman yeroo garaa garaatti balfamaa fi cubbamaa sirna Bilxiginnaa jibbuun meeshaa fi hidhannoo isaanii qabatanii gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan, Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu ganda Somboo Sadan Giittan mooraa waraana PP bakka Gabaa Facaasee jedhamu keessaa Waxabajjii 21, 2025 miseensi loltuu farra riphee lolaa tokko qawwee dachaatuu AKM 1 qabachuun WBO’tti harka kennachuu hooggansi WBO bakkichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.

Loltuun Bilxiginnaa duranii kunis simannaa WBO’n isaaf godhetti hedduu gammaduun, fakkattoota isaa mooraa diinaatti hafaniinis; “qabsoo haqaa bilisummaa saba keenyaaf ABO-WBO’n geggeessaa jirutti meeshaa fi hidhannoo keessan qabadhaatii yeroodhaan itti makamaa” jechuun dhaameefii jira.

Yeroo itti Abiy Ahimed akka waggaa 4 fi 5’niin duraa miti, humni keenyaa fi dandeettiin lola keenyaa dabalee jira jedhutti, yeroo itti Biraanuu Juulaa humni PP WBO %90’n balleessineerra, dirqama biyyaalessaa qabnaa fi dhiyootti maatii galaana diimaa ni taana jechuun dhaadatutti loltootni baay’inaan kan Dargii caalu jedhamanii fi afaaniin Afrikaa itti sodaachisuu barbaadan yeroo gara yerootti akeeka diinummaa Abiy Ahimed jibbuun keessaa jireenya dhuunfaa isaaniif badaa fi gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachaa jiru.

Exit mobile version