Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensii waraana PP tokko Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuutti WBO’tti harka kennate

ONM-ABO Sadaasa 2, 2025 

Miseensi waraana PP tokko godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu bulchiinsa magaalaa Waankii mooraa waraana PP Waankii keessaa dheengadda Onkoloolessa 31, 2025 bahuun Kilaashii AKM tokko rasaasa 30 waliin WBOtti harka kennachuu ajajaan WBO onichaa ONMf ifoomse.

Miseensi waraana PP duraanii WBOtti harka kennate kunis simannaa fi jaalala Waraanni Bilisummaa Oromoo godheefitti hedduu gammaduun gocha kanaan dura murna PP dirqisiifamuuun uummata Oromoo irratti rawwachaa tureef dhiifama gaafachuun, hiriyoota isaa dirqamaan uukkaamfanii mooraa diinaa keessatti hafaniinis yeroo isin qawwee fi hidhannoo keessaniin sirna gabroomfata kanatti garagaluun saba keessaniif dhabbattan amma jechuun dhaamsa isaa karaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa dabarfatee jira.

Murni Bilxiginnaa bakkeewwan garaagaraatti ilmaan Oromoo dirqamaan ukkaamsuun gara dirree waraanaatti ergaa turuun kan yaadatamu yoo ta’u, warreen uukkaamfaman kunneenis lola impaayerattin keessa jirtu akka isaan hin ilaallannee fi nuffii keessa galuun zooniilee waraanaa cufa keessatti Waraana Bilisummaa Oromootti meeshaa fi hidhannoo guutuun harka kennachaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version