ONM-ABO Gurraandhala 18, 2025
Murni Bilxiginnaa umrii aangoo isaa ittiin dheerefachuuf jecha ilmaan Oromoo dirqiin uukkaamsuun mooraa leenjiitti guuree leenjii gabaabaa kennuufiin eegduu barcuma isaa taasifachaa kan jiru yoo ta’u, loltoonni haala kanaan waraana ta’an kanneen sirnichi daandii badiisaa irra jiraachuu baran, lammummaan itti dhaga’amuu fi dhiiga qulqulluu dhangaalaasuun cubbuu ta’uu hubatan mooraa gabroomfataa hin utubnu jechuun guyyuu mooricha ganuu cimsanii itti fufaniiru.
Bifuma kanaan Guraandhala 16, 2025 godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu bulchiinsa magaalaa Mandii keessaa miseensi waraana Bilxiginnaa kan maqaa “farra riphee lolaan” of waamu tokko qawwee AKM dachaatuu 1, rasaasa AKM 70 fi gumbii 3 qabatee sirna PP ganuun WBO bira qaqqabuu maddeen keenya gamasii ONM’tti himaniiru.
Miseensi waraana impaayerattii duraanii kunis simannaa ho’aa fi jaalalaa dhugaa WBO’n itti agarsiisetti hedduu akka gammade himuun, kaayyoon murna Bilxiginnaa Oromiyaa fi Oromummaa balleessuu qofa irratti xiyyeeffachuun miseensota quuqama sabaa qaban kanneen humnoota waraanaa adda addaa keessa jiran irratti ajjeechaa raawwachuun jibbiinsa saba Oromoof qabus guyyaa guyyaan mul’isaa jira jechuun yaada isaa ONM’f qoodeera.
Xumura irrattis hiriyootaa mooraa diinaa utubaa jiraniifis dhaamsa Oromummaa dabarsuun, yeroon waamicha WBO’n isiniif taasisaa jiru simaadhaa gara WBO’tti dabalamuun sabaaf gaachana ta’aa jechuun ergaa isaa dabarseeraaf.

