Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa Aanaa Lataa Sibuu irraa miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuun ibsame 

ONM-ABO Waxabajjii 24, 2025 

Murni sabaa fi sab-lammoota impaayerattii keessatti argaman afaan qawween cunqursee bulchuuf dharra’u Bilxiginnaan hoomaa waraanaan of ijaaree beekamtii argachuu fi uummattoota garboomsee ittiin of jala bulchuuf yoomiyyuu rafee hin beeku. Nagaa fi misooma akkasumas guddina impaayerattii humna waraanaa oomishuutiin quucarsee dinagdee impaayerattiis duubatti hambisaa jiraatus sabboontonni ilmaan Oromoo mooraa balfamaa sirnichaa ganuun WBO’tti makamaa jiru.

Haaluma kanaanis Waxabajjii 23, 2025 godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu bulchiinsa magaalaa Gooriitti kan argamu mooraa waraana sirnichaa keessaa miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko: 

waliin qabachuun WBO naannicha keessa socho’utti harka kennachuu hooggansi WBO naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomseera. 

Miseensi raayyaa ittisa impaayerattii duraanii kunis haala simannaa WBO’n isaaf taasisetti hedduu gammaduun fedhaa fi kaka’umsa isaa malee bakka hojii idilee isaatii humnaan qabamee gara dirree waraanaatti geeffamuu himuun, kanaan dura hubannaa malee saba isaatti dhukaasuu isaaf uummata Oromoo dhiifama gaafateera. 

Dhuma irrattis hiriyoota isaa kanneen abjuu sobaatiin diinni sammuu sakaaltee ergama diinummaa leenjisuun uummata isaaniitti bobbaasteen hin goyyominaatii yeroon gara saba keessaniitti deebi’aa jechuun dhaamsa Oromummaa dhaameefii jira.

Exit mobile version