Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbee irraa miseensonni Raayyaa Ittisa impaayerattii sabaan Uummattoota Kibbaa ta’an lama (2) WBO’tti harka kennatan

ONM-ABO Onkoloolessa 27, 2024 

Shira sobaan ijaaramu impaayera Itiyoophiyaa mormuu fi Qabsoo Bilisummaa Oromootti amanuun, yeroo garaa garaatti osoo beekaniis ta’e, osoo hin beekin yookaan ammoo dirqiidhaan waraanummaan cubbamtuu impaayera Itiyoophiyaa tajaajilaa kan jiran Sabaa fi Sab-laammonni miseensa waraana bilxiginnaa waamicha jaarmiyaan ABO- WBO yeroo adda addaatti taasisaafii jiru kabajuun guyyaa guyyaan golee Oromiyaa cufa keessaa ilmaan haqaatti karaa nagaa harka kennachuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee irraa miseensonni Raayyaa Ittisa impaayerattii sabaan Uummattoota Kibbaa ta’an 2 WBO’tti harka kennachuun barameera.

Miseensonni waraana bilxiginnaa kanaan duras fedhii isaanii malee dirqamaan ukkaamfamuun leenjii gahaa tokko malee waraannummaan ji’oota muraasaaf impaayerattii tajaajilaa kan turan ta’uu himuun, Onkoloolessa 24, 2024 aanaa Baakkoo Tibbee mooraa waraana bilxiginnaa ganda Amartii Gibee irraa qawwee AKM Turkii 26 lama qabachuun sirna Minilikiin leellisu  ganuun  WBO aanicha keessa socho’u bira nagaan dhaqqabuun himameera.

Karaa WBO simannaa isaaniif taasifametti kan gammadan miseensonni waraana PP kunneen, holola bilxiginnaan afarsitu soba ta’uu barree kabaja namummaa WBO’n dhala namaaf qabu hubannee sodaa tokko malee harka kennachuu murteessinee dhufne jedhan.

Dhuma irrattis hiriyoota isaanii mooraa diinaatti hafaniin, qawwee diinaa baattanii du’a seenaa hin qabne du’uu irra kallattii isiniif danda’ame maraan qawwee keessan qabadhaa WBO’tti harka kennachuun gara manaatti galaa jireenya dhuunfaa keessanii jiraadhaa jechuun dhaamaniifii jiru.

Exit mobile version