ONM-ABO Ebla 10, 2025
Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee mooraa waraana PP bulchiinsa magaalaa Baakkoo keessaa Ebla 7, 2025 miseensonni Raayyaa ittisa impaayera Itiyoophiyaa 2 qawwee AKM 2 hidhannoo waliin qabachuun WBO onicha keessa socho’utti harka kennatanii jiraachuun ibsameera.
Miseensonni waraana Bilxiginnaa duraanii kunneen sabaan Oromoo yoo ta’an, isaanis qabsoo saba isaanii ABO-WBO’n geggeessaa jirutti makamuutti hedduu gammaduun, hiriyoota isaanii mooraa diinaatti hafaniinis “dafaa akka keenya yeroon WBO’tti makamaa” jechuun dhaamaniifii jiru.
Waraanni Bilxiginnaa fedhaanis ta’u dirqamaan loltuu ta’uun impaayera Itiyoophiyaa waraanummaan tajaajilaa jiran, sirna balfamaa Bilxiginnaa dhiisuun goleewwan Oromiyaa cufa keessaa guyyaa guyyaan meeshaa fi hidhannoo isaanii qabachuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu itti fufanii jiru.

