Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Haaruu keessatti waraanni maafiyaan PP dargaggoota 4 rasaasaan rukutuun isaan keessaa namni tokko du’uun dhagaa’ame

ONM-ABO Amajjii 16, 2025 

Waraanni murna maafiyaa Koloneel Abiy Ahimediin hoogganamu barcuma aangoo isaa tiksuuf Oromiyaa cufa keessatti bobbaafamee ilmaan Oromoo sababa tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf ajjeechaa jumlaa fi suukkanneessaa seenaan hin daganne uummata Oromoo irratti raawwachaa jiraachuun isaa kan yaadatamuudha.

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Haaruu ganda Maaneetii jedhamtu keessatti waraanni murna Maafiyaa PP Amajjii 13, 2025 galgala dargaggoota 4 rasaasaan rukutuun dargaggoo maqaan isaa Iyyaasuu Tsaggaayee jedhamu lubbuun isaa battala yoo darbu, kanneen ammaaf maqaan isaanii nu hin ga’in 3 du’aa fi  jireenya gidduu jiraachuun beekameera.

Godina Baha Harargee aanaa Kurfaa Callee keessattis Amajjii 13, 2025 galgala ijoollee lama kan ganna 15 maqaan isaa Qadiree Shu’eeybii fi dargaggeessa ganna 20 maqaan isaa Jaafar Abdurazzaaq jedhaman kan dhalootaan aanaa Guraawwaa araddaa Laaftoo Haarawaa ta’e osoo isaan doqdoqqee magaalaa Harar irraa bitanii gara Araddaa isaaniitti deebi’aa  jiranii aanaa Kurfaa Calleetti maqaa deggartoota WBO’ti jedhuun waraanni garboomfataan PP rasaasaan waaduun ajjeesuun beekameera.

Hawaasni naannawaa isaanii reeffa ijoollee kanaa lafaa kaasee buufata fayyaa geessuuf yaalanis akka hin kaasne dhorkamanii reeffi ijoollee kanaa sa’a 3:00 oliif achi turuun Amajjii 14, 2025 hawaasni miira gaddaan mormii isaa dhageessifachuun ibsameera.

Exit mobile version