ONM-ABO Onkoloolessa 4, 2024
Ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun adamsee ajjeesuu, hidhuu fi saamuu kan aadeffate waraanni murna nama nyaataa PP, goleewwan Oromiyaa mara keessatti duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru haala dur baratameen olitti jabeessee itti fufee jira.
Haaluma kanaan, Wiixata darbe Fulbaana 30, 2024 waraanni maafiyaa PP godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda ‘Omboshaa’ jedhamu keessatti nama nagaa maqaan isaa Obbo Gaaddisaa Shifarraa jedhamu badii tokko malee mana jireenyaa isaatti rasaasa itti roobsuun ruktanii gatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen jedhanitti, namni kun siyaasa kam keessaayyuu qooda kan qabnee fi ergamtoonni bilxiginnaa kun sababa sobaa maqaa ‘Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabda’ jedhuun yakkanii rasaasa itti roobsuun du’eera se’anii dhiisanii deemuu himuun, ergasii birmannaa hawaasni naannichaa taasiseen lubbuun jiraachuun isaa adda ba’ee Hospitaala naannoo Beenishaangul Gumuz magaalaa Asoosaatti geeffamuun yaalamaa turus, haalli madoo isaa ulfaataa waan ta’eef, ogeessonni fayyaa Hospitaala Asoosaa gara Finfinnee deemee akka yaalamuuf ajaja dabarsuun wal qabatee yeroo ammaa namni kun baajeta ittiin deemee yaalamu dhabuun du’aa fi jireenya gidduu jiraachuus dubbatu.

