ONM-ABO Onkoloolessa 8, 2024
Afaan qawween doorsisee hacuucuun ilmaan Oromoo garbummaa jalatti bulchuu kan barbaaduu fi dantaa isaa ittiin guuttachuuf kan hojjetu Bilxiginnaan akkuma abboota isaa irraa dhaaleen uummata Oromoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun badii tokko malee miidhaa garaa garaa irratti raawwachaa jira.
Haaluma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Gullisootti loltoonni bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti saamichaa fi reebicha raawwachuu maddeen eeran.
Aanaa Gullisoo ganda Jaarsoo Baddeessoo jedhamu keessatti loltoonni sirnichaa Onkoloolessa 5, 2024 nama maqaan isaaTaammanaa Jogoraa jedhamu sababa tokko malee mana dhugaatii isaa cabsanii seenuun dhugaatii gosa garaa garaa dhuganii machaa’uun, qabeenya manicha keessa jiru guutummaa saamanii, kaan ammoo jalaa caccabsuun mancaasanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, guyyuma kana loltoonni PP kun gandicha keessatti hawaasa nagaa xiqqaa fi guddaa, beekaa fi wallaalaa, akkasumas jaarsaa fi jaartii osoo hin jenne daandii gubbaatti baasuun reebichaa fi dararaa hamaa irraan ga’anii jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.
Godinichuma aanaa Mana Sibuu bulchiinsa magaalaa Beengu’aa keessatti Onkoloolessa 4, 2024 waraanni sirnichaa namoota maqaan isaanii:
- Obbo Caalii Ejjetaa,
- Asfawuu Jaallataa,
- Abdullaayi Danuu,
- Tasfaa Wayyeessaa,
- Galaanaa Baqqalaa,
- Faqqadaa Amanuu,
- Beekumaa Tarrafaa,
- Addunyaa Tarreessaa,
- Aadde Asteer Tolasaa,
- Faaxumaa fi kanneen biroo hedduu maqaan isaanii ammaaf adda hin baane badii tokko malee aanaa kanatti hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni magaalaa Beenguwaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

