Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuutti waraanni faashistii PP nama nagaa tokko ajjeesuun himame

ONM-ABO Fulbaana 14, 2024

Dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu araada kan godhate waraanni nama nyaataan bilxiginnaa, golee Oromiyaa cufa keessatti ilmaan Oromoo hirmaannaa siyaasa kamiyyuu hin qabne maqaa garaa garaa itti maxxansuun yakkoota gara jabinaa hammeenyaan guutaman irratti raawwachaa jira.

Haaluma kanaan, Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuutti waraanni bilxiginnaa nama nagaa abbaa daa’ima 6 ajjeesuun ifoomeera.

Aanaa Mana Sibuu bulchiinsa magaalaa Beenguwaa irraa  Fulbaana 12, 2024 nama maqaan isaa “Bolinaa Tuujubaa” jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii jiraachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka jiraattonni magaalichaa jedhanitti, Obbo Bolinaan nama hawaasa isaanii biratti jaallatamummaa fi kabaja guddaa qaban yoo ta’an, gochi hammeenyaan guutame akkanaa kun irratti raawwachuun isaa gadda laphee namaa cabsuu fi daa’ima isaa bakkeetti hambisuun jireenya gadadoof isaan saaxiluudha jechuun maddeen keenya itti dabaluun ibsan.

Exit mobile version