Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa Aanaa Mana-Sibuutti waraanni faashistii PP nama tokko ajjeesuun doqdoqqee uummataa tokkos guban

ONM-ABO Onkoloolessa 28, 2024 

Gara-jabummaan waraanni gabroomfataan PP hawaasa irratti taasisu qorqalbii jiraattotaa cabsuu bira darbee dinagdeen sabichaa kufuu, lubbuu lammiilee nagaa darbuu, qaamaa qalbiin itti dhabamuu fi hireen dhalootaa manneen hidhaatti darbatamuu ta’uun carraa jiraattotaa dukkana halkanii taasisee jira.

Lubbuu namootaa baasuun waraana abbaa irree Bilxiginnaa fi lukkeelee sirnichaa biratti akka gootummaatti ilaalamuun qe’ee hawaasaa tokkoo tokkoon isaatti gadda galchanii jiru. Onkoloolessa 24, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu bulchiinsa magaalaa Karra Waayyuu ganda Bilee Biqiltuutti Musxafaa Mahaammud Gammachuu nama jedhamu waraanni gara jabeeyyiin Bilxiginnaa rasaasa itti roobsuun ajjeesuun barameera.

Tarsiimoo lukkeeleen PP ergama ajjeesuu qofaa baafatanii hawaasa nagaatti bobba’aniin  gaaga’ama lubbuu ilmaan hiyyeessaatti fidaa kan jiru yoo ta’u, Oromiyaa keessatti dhiiga Oromummaan dhalachuu qofti yakka ta’uu qofaan ajjeefamuunis baratamee akka jiru jiraattonni himu.

Oduu biraatiin ammoo bulchiinsuma magaalaa Karra Waayyuutti dhihoo kan taate ganda Maxxaariitti  nama Mohaammad Abduu jedhamu waraanni faashistii PP ati hidgata WBO qabda jechuun doqdoqqee dhuunfaa isaa jalaa gubuun akka barbadeessan jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version