Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Najjoo keessatti waraanni faashistii PP nama tokko ajjeesuun himame

ONM-ABO Onkoloolessa 15, 2024 

Afaaniin nagaa labsaa uummata nagaa ajjeesuu hojii idilee isaa kan taasifate waraanni nama nyaataan bilxiginnaa, golee Oromiyaa cufa keessatti duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti geggeessaa jiru cimsee itti fufee jira.

Aanaa Najjoo ganda Leemmuu Nasii jedhamu keessaa Onkolooleessa 11, 2024 nama maqaan isaa Obbo Bashuraa Gammachuu Jaarraa jedhamu loltoonni sirnichaa mana isaatii qabuun reebichaa fi dararaa ulfaataa erga irraan ga’aniin booda gara mooraa waraanaatti geessuun halkan tokko hidhaa bulchanii Onkolooleessa 12, 2024 mooraa waraanaa keessaa baasuun rasaasa itti roobsanii haala suukkanneessaa ta’een badii tokko malee akka bineensaatti ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen jedhanitti, Obbo Bashuraan abbaa daa’ima tokkoo fi nama nagaa hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu hin qabne hawaasa biratti kabajaa fi jaallatamummaa guddaa kan qaban ta’uu ibsaniiru.

Exit mobile version