ONM-ABO Hagayya 23, 2024
Yeroo ammaa qabata Waraana Bilisummaa Oromoo godhachuun saamtonni fi hiraarsitoonni sabaa ergamtoonni teessoo Koloneel Abiy Ahimed jalatti qabuuf ifaajan akkuma guutuu Oromiyaatti saamicha daangaa hin qabne raawwachuu jabeessanii itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree gandoota adda addaa keessatti waraanni sirnichaa hawaasa nagaa irratti yakkoota garaa garaa raawwachuu itti fufee jira.
Ganda Lalisaa jedhamu irraa Hagayya 20, 2024 loltoonni PP dhukaasa qawwee (qiyyaafannoo) shaakala irra osoo jiranii nama maqaan isaa Qananii Gobozee jedhamu jalaa loon tokko (1) rasaasaan rukutuun ajjeesanii jiraachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Aanuma kana ganda Damee Ceekaa jedhamu irraa ammoo dargaggoota maqaan isaanii :
- Dhaabaa Shobokaa
- Kusee Tasfaayee
- Guutaa Fayyeeraa fi
- Tafarii Abdataa jedhaman WBO waliin hidhata qabdu jechuun waraanni bilxiginnaa reebicha hamaa irraan ga’anii jiraachuun barameera.
Dabalataan, aanuma Sibuu Siree ganda Burqaa Xaaloo jedhamu irraa nama maqaan isaa Baashaa Fufaa jedhamu badii tokko malee onichatti hidhamee kan ture qarshii kuma shan (5000) yoo kaffalte malee hin baatu jechuun hidhaatti dararaa jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniru.

