Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Haaruu keessatti hidhaa fi dararaan ergamtoota sirnichaan lammiilee nagaa irratti raawwatu akkaan cimee itti fufe

ONM-ABO Bitootessa 31, 2025 

Aanaa Haaruu magaalaa Haaruu ganda 01 irraa ji’a darbe keessa namoota maqaan isaanii Gammachuu Ejjetaa fi Kidaanuu Dhaabaa jedhaman ergamtoonni Bilxiginnaa “WBO’tu meeshaa waraanaa isin biraa qaba” jechuun gara mana jireenyaa isaanii dhaqanii sakatta’iinsa taasisuun manaa fi meeshaalee mana keessaa hunda caccabsanii jalaa mancaasuun, isaaniin ammoo fuudhanii deemuun hidhaatti darbatanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, aanichuma ganda Coongee jedhamu keessaas torban tokko dura “Waraana Bilisummaa Oromoof odeessa kennitu” jechuun namoota maqaan isaanii:

  1. Bulaa Gannatii,
  2. Daawwit Takilee,
  3. Malaakuu Wambaruu fi
  4. Maammush Misgaanuu jedhamanis badii tokko malee hidhanii dararaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Waa’ee barcuma siyaasaa isaa malee lubbuu ilmaan namaaf haajaa tokkollee kan hin qabne Koloneel Abiy Ahimed, goleewwan Oromiyaa mara keessatti loltoota isaa naamusa waraanummaa hin qabne kumaatamaan bobbaasuun Uummata Oromoo irratti ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi dararaa garaa garaa raawwachiisaa jira.

Exit mobile version