ONM-ABO Onkoloolessa 24, 2024
Dhiiga nama nagaa dhangalaasee dhuguu kan bare waraabessi aduu saafaa waraanni faashistii PP, golee Oromiyaa cufa keessatti duula qindaawwaan duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwatu jabeessee itti fufee jira.
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Coqorsaatti waraana faashistii PP’n namni tokko yoo ajjeefamu, namni tokko ammoo achi-buutee dhabamsiifamuun ibsamee jira.
Jiraataa aanaa Boojjii Coqorsaa ganda Sibuu Eebichaa kan ta’e namni maqaan isaa obbo Eliyaas Taayyee jedhamu Onkoloolessa 21, 2024 osoo inni gabaa daldalachuuf ollaa aanichaa kan taate gara aanaa Laaloo Assaabii deemaa jiruu loltoonni sirnichaa badii tokko malee qabuun guyyaa tokkoof mooraa waraanaatti hidhanii dararaa erga turanii booda Onkoloolessa 22, 2024 magaalaa Innaangoo ganda Goomboo jedhamu keessatti rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Obbo Eliyaas abbaa daa’ima tokkoo yoo ta’u, nama nagaa siyaasa kam irraa bilisa ta’ee fi hojii dhuunfaa isaa horii daldaluun kan jiraatu ta’uun ibsameera.
Kana malees ganduma kana irraa Onkoloolessa 19, 2024 nama maqaan isaa Firoomsaa Qajeelaa jedhamu ergamtoonni bilxiginnaa badii tokko malee qabanii achi-buutee dhabamsiisanii jiraachuu maddeen himan.
Firoomsaan, nama nagaa hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu hin qabnee fi ogeessa fayyaa ogummaa isaatiin ofii fi hawaasa isaa tajaajilu ta’uu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

