Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Dirmajji keessatti namni tokko waraana gabroomsaa PP’n yoo ajjeefamu, aanaa Gimbii keessatti ammoo hidhaa fi dararaan hammachuun beekame

ONM-ABO Guraandhala 24, 2024

Murni bilxiginnaa caasan isaa sadarkaa olaanaa irraa hanga gadiitti ajaja hawaasa nagaa ajjeesuun jiilchuu jedhu qabatee socho’uu, guutuu Oromiyaa keessatti namoota nagaa tutuqaa siyaasaa kamii fi deggeraa qaama kamii hin taane maqaa WBO waliin hidhata qabda jedhuun hidhaa fi ajjeechaa irratti taasisaa jira

Bifuma kanaanis kaleessa Jimaata Guraandhala 23, 2024 waraanni maafi’aa PP godina lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Dirmajji ganda Lataa Boobinee jedhamutti halkan keessaa tura sa’a shanitti sochii gochuun obbo Guddataa Yaadachuu nama Jedhamu bakka bultii isaatii gadi-baasuun rasaasaan reebuun ajjeesuun himame.

Obbo Guddataan umuriin isaa 35 kan ta’ee fi nama maatii hin qabne, mana namaa taa’ee loon tiksuun of Jiraachisu akka ta’ees dabaluun dubbatu

Oduu biraatiin ammoo lixuma Wallaggaa aanaa Gimbii ganda Joogir Jedhamu keessatti Jiraattotni maqaa WBO deggertuun gidirfamaa jiraachuun kan himamu, namootni mana hidhaa keessa jiranis rifeensi gogaan irraa haadamuun dhibeef saaxilamaa akka jiranis beekameera

Obbo Ziyaad Zakkaariyyaa abbaa ilmaan 2 dabalatee obbo Tasfaa’ee Mul’ataa fi namoota maqaan isaanii nun geenye hedduun reebicha irratti taasifameen rakkoo argaa jiraniin cinatti mana hidhaa keessatti dararama jiraachuus ONM odeeffateera.

Exit mobile version