ONM-ABO Onkoloolessa 10, 2024
Murni bilxiginnaa afaaniin nagaa labsaa keessoo isaan ammoo duguuggaa sanyii raawwachuu jabeessuun golee Oromiyaa cufa keessatti loltoota isaanii bobbaasuun uummata Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa adda addaa raawwachaa jiru.
Bifuma kanaan, godina Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Coqorsaatti waraanni faashistii Abiy Ahimed dargaggoota 2 ajjeesuu maddeen eeran.
Aanaa Boojjii Coqorsaa ganda Sibuu Eebichaa jedhamu keessatti Onkoloolessa 8, 2024 waraanni sirnichaa badii tokko malee dargaggoota maqaan isaanii:
- Abirahaam Fiqaaduu fi
- Gammachiis Biddiiqaa jedhaman osoo isaan daandii irra taa’aa jiranii sababa tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii daandii gubbaatti gatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Dargaggoonni kunneen, hirmaannaa siyaasa paartii kamii illee kan hin qabnee fi hawaasa isaanii biratti jaallatamummaa fi ilaalcha gaarii kan qaban ta’uun ibsameera.

