ONM-ABO Caamsaa 13, 2024
Kichuu lafaa dhufoo karaatti kutee gadaa aangoo isaa dheereffachuuf jecha dhiiga ilmaan Oromoo kumootaan dhangalaasuun duguuggaa sanyii raawwachaa kan jiru sirni bilxiginnaa namoota irratti gochaa gara jabeenyaa raawwatu jabeessee itti fufeera.
Haaluma kanaanis waraanni murna gabroomfataa PP godina Lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Noolee ganda Filfilii Galaan jedhamutti hojjetaa misoomaa kan ta’e nama maqaan isaa ‘Tasfaayee Tafarraa’ jedhamu bakka buutee isaa dhabamsiisanii jiraachuu dubbatu.
Sadaasa 25, 2024 ugguramee reebicha hamaan isa laalessuun erga baay’ee miidhanii booda mana hidhaa aanichaa galchan jedhu jiraattonni dhimma kana quba qaban.
Tasfaayeen guyyaa qabame irraa eegalee namni arge kan hin jirree fi hanga yoonaa achi buuteen isaa dhabamuu jiraattonni dubbisne himuun, maatiin isaas, du’ee fi jiraasaa wallaaluun bakka buutee isaa dhabanii rakkataa jiraachuu ONMtti himaniiru.

