Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Sayyoo Noolee keessaa faashistoonni murna bilxiginnaa nama tokko rasaasaan rukutanii ajjeesan

ONM-ABO Adoolessa 23, 2024

Waraanni badee balleessaan imphaayera Itiyoophiyaa tiksan ergamtoonni murna bilxiginnaa lubbuu lammiilee nagaan taphachaa oolan gochoota gara jabeenyaa ilmaan Oromoo irratti geggeessaa jiran kan yeroo kamiiyyuu caalaatti uummaticha irratti hammeessuun dararaa hamtuu agarsiisaa jiru.

Labsii duguuggaa sanyii Oromoota irratti mataan nafxanyoota koloneel Abiy Ahimed labse milkeessuuf  ilmaan Oromoo hidhaa, saamaa, ajjeesaa fi qe’ee isaa ibiddaan barbadeessuun jiruu fi jireenya hawaasa nagaa jeeqaa kan oolan waraanni shororkeessaan bilxiginnaa ajjeechaa jiraattoota nagaa irratti raawwachaa jiraachuu gabaasaa turuun keenya kan yaadatamuudha.

Haaluma kanaan Adoolessa 21, 2024 Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Sayyoo Noolee keessatti nama nagaa mana Obbo Kaffaalee Dingataa jedhamu kan jiraatu nama maqaan isaa Gonjee jedhamu balleessaa tokko malee manaa fuudhanii mana barumsaa Odaa Abboonnoo jedhamutti ajjeesanii deemuu maddeen ONM’tti  himaniiru. 

Exit mobile version