ONM-ABO Waxabajjii 26, 2025
Aanaa Haaruu ganda Congee Guddattuu keessatti Waxabajjii 8, 2025 dubartii maqaan ishee Biraanee Daggafaa jedhamtu waraanni faashistii PP qabanii hidhuun hanga gabaasni kun qindaa’etti mana hiraarsaa sirnichaa keessatti hidhanii gidirsaa jiraachuu maddeen ONM’f gabaasan.
Sirna dhableeyyiin waraana Bilxiginnaa haleellaa WBO’n irratti taasisuun miidhaa jabaan oggaa isaan irra ga’u, qaama hidhatee isaan lolu dheessuun faallaa qe’ee uummata nagaatti duuluun meeshaa gurguddaa uummata irratti dhukaasuun lubbuu fi qabeenya hawaasaa mancaasuu, hidhuu, saamuu, fi ajjeechaa suukanneessaa geggeessaa kan oolan yoo ta’u, haalli walii galaa onicha keessatti raawwachaa jirus daran yaaddessaa ta’uu dubbatu.
Guutuu Oromiyaa keessatti guyyaa dhufee darbuun ilmaan Oromoo Oromummaa isaanii qofaaf hadheeffachuun dararaa kan oolan faashistoonni murna Bilxiginnaa kunneen diinummaa isaanii uummata Oromoo irratti jabeessanii jiraachuun kan beekamuudha.

