Waraanni murna bilxiginnaa godina lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii keessatti uummata irratti dhokaasuun godaansisaa jiraachuun dhagaa’ame.
ONM-ABO Adoolessa 30,2022, Waraanni ilmaan Oromoo bakkayyuu akka dararuuf bobbaafaman tiksitootni impaayeera Itoophiyaa dhukaasa uummata nagaa irratti banuun uummata buqqisaa jiru.
Har’a Adoolessa 30,2022 godina lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii ganda Wanjoo keessatti waraanni faashistii Abiy Ahimed dhukaasa meeshaalee gurguddaa uummata gandichaa irratti dhukaasuun uummatni qe’ee fi qabeenya isaa gadhiisee baqachaa jira.
Akka maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniitti dhukaasa meeshaalee waraanaa garaagaraan dabalamee uummata irratti banameen uummatni osoo fiiguu kan jajjabe, wal darbachuu fi wal irra deemuun kan wal miidhes hedduu akka ta’e maddeen dabaluun ibsaniiru.
Dhukaasa waraanni murna bilxiginnaa uummata nagaa irratti banee ganda guutuu buqqisaa jiruun miidhaa qaqqabe akkaataa adda baasneen isiniif dhiheessina.

