Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina lixa Harargee ona Gammachiisii fi godina lixa Wallaggaa ona Begii fi Laaloo Assaabii keessatti dararaa fi saamichi uummata irra ga’aa jiru hammaate

Godina lixa Harargee ona Gammachiisii fi godina lixa Wallaggaa ona Begii fi Laaloo Assaabii keessatti dararaa fi saamichi uummata irra ga’aa jiru hammaate.

ONM-ABO Hagayya 6,2022 Murni bilxiginnaa erga bu’aa qabsoo dhiiga ilmaan Oromoo hedduu dhangalaasiseen argame butee aangoo siyaasa impaayeerattii of harka galcheen booda diina jalqabaa uummata Oromoo godhachuun daraaraa fi sanyii duguuggaa irratti raawwachaa jira.

Godina lixa Harargee ona Gammachiis keessatti Hagayya 3, 2022 uummata gandi isaanii bosonotti aanu jalaa mana jalaa Waraana Bilisummaa Oromootu isin keessa qaxxaamure jechuun manneen jalaa gubuun midhaan ooyiruu irraa hin geenye hamsisuun ooyiruu balleessanii bakkicha akka gadhiisan taasisanii jiraachuu madeessan Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Dararaan uummata Oromoo irratti geggeeffamu itti fufuun godina lixa Wallaggaa ona Begii ganda Laaloo bakka addaa Motee jedhamu keessatti Hagayya 4, 2022 waraanni bilxiginnaa haleellaa laalessaa waraanni bilisummaa Oromoo irratti fudhateen ganda keessa facaate mana obbo Eliyaas Ayyaanaa seenuun qarshii 40,000 fi uffata mana keessaa saamanii jiru.

Ona Laaloo Assaabii ganda Dongooroo Kaallii keessatti Hagayya 3, 2022 uummata reebuun miidhaa hamtuu irraan ga’anii jiru.

Ilmaan Oromoo waraana weerartuu kanaan Roobii darbe miidhaan qaamaa irra ga’e kun Buzee Fiqiruu miila cabsan, Kibiree Damee qottoodhaan dugda rukutan, Badhaasaa Geetaachoo reebicha hamaa, Asteer Asaffaa reebicha hamaa, barsiisaa kaffaalee Fiqaaduu reebicha hamaa, Mul’ataa Namarraa reebicha hamaa, Kuluulee Qumburee reebicha hamaa, Eebbisaa Abeetuu ija jaamsan , Dinqaa Eebbisaa arraba gadi baasanii reeban, Geexee Darajjee reebicha hamaa, Mararaa Taarraqaa reebicha hamaa erga irraan ga’aniin booda hawaasni sodaa waraana bilxiginnaan gandicha gadhiisee deemaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ona Laaloo Assaabii gabaasaniiru.

Exit mobile version