Godina Lixa Harargee ona Mi’eessoo fi Ciroo keessatti hidhaa fi saamichi hammaate!
ONM-ABO Fulbaana 16,2022 bilxiginnaa siyaasni isaa harkatti kufe ilmaan Oromoo qe’ee isaanii irratti saamuu fi hidhuun jiruu fi jireenya itti hammeessee jira.
Gocha farrummaa isaa uummata Oromoo irraa kan hin dhaabne murni bilxiginnaa waraana fi dabballoota isaa uummatatti bobbaasuun godina Lixa Harargee ona Mi’eessoo araddoota garaagaraa irra namoota qabanii dhabamsiisanii jiru.
Fulbaana 9,2022 ona Mi’eessoo araddaa Torbayyoo fi Huusee keessaa namoota sadii badii tokko malee mana isaanii cabsanii halkan keessa 7:00tti itti ol seenuun qabanii mana hidhaatti rakkisaa jiru.
Kanneen hidhamanii jiran kun Usuman Mahammad Adam abbaa ijoollee ja’aa, Muummee Ahimed Aniyaa abbaa ijoollee shanii, Ahimed Jamaal Adamee abbaa Ijoollee lamaa, Adam Dhaddachoo abbaa ijoollee torbaa yoo ta’u namoota lama mana hidhaa magaalaa Ciroo keessatti hidhuun namoota lama ammoo Usmaan Mahammaad fi Adam Dhaddachoo eesaa akka geessan hin beekamin jira.
Oduu biraatiin ammoo godinuma Lixa Harargee onuma Ciroo araddoota garaagaraa keessatti maqaa deggersa raayyaa ittisa impaayeerattiif jechuun saamichi hammaate jira.
Akka kanaanis araddaa Waaccuu Bosoqaa irratti qarshii 150,000, araddaa Waaccuu Giilleey 380,000, Laaluu Gudduu 630,000, Waaccuu Hormaat 280,000, araddaa Waaccuu Eeltokkee 160,000 irraa guuraa jiru.
Uummata qaala’insa jireenyaan rakkachaa jiru keessatti deggersa maallaqa jechuun murni bilxiginnaa dararaa inni uummata irraa ga’aa jirutti ummatichi mufatee jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa godina Lixa Harargee gabaasaniiru.

