Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee ona Mi’eessoo keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachiftu jechuun namoota mana hidhaatti guuran

Godina Lixa Harargee ona Mi’eessoo keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachiftu jechuun namoota mana hidhaatti guuran.

ONM _ABO Hagayya 6, 2022 Hidhaa akka meeshaa waraanaatti kan itti fayyadamaa jiru murni bilxiginnaa impaayeera Itoophiyaa lammiilee nagaa dalagaa dhuunfaa isaanii dalagatanii ofii fi maatii isaanii jiraachisaa jiran yakka tokko malee ona Mi’eessoo keessatti qabee hidhee dararaa jira.

Hagayya 2, 2022 ergamtootni sirna Minilik godina lixa Harargee ona Mi’eessoo magaalaa Asabootii fi araddaa Daalachaa badii tokko malee sobaan yakkanii WBOn nyaachiftan jechuun namoota hedduu maatii isaanii irraa hidhanii jiru.

Ilmaan Oromoo badii tokko malee hidhaman kunneen Maammaa Muusaa
Abdii Tukkee, Mahammad Adam, Yaasinoo Hasan, Abraahim Adam, Usmaan Abdii, Jaabir Abbaa Jabbii, Abdallaa Ammadoo fi kanneen biroo maqaan nu hin ga’in jiraachuu maddeen ona Mi’eessoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Murni faashistii PP erga waraanni bilisummaa Oromoo godinoota Harargee lameen keessaayuu ona Mi’eessoo keessatti tarkaanfii laalessaa fudhachuun hanga xiyyaara waraanaa kaasisuutti baaragseen booda uummata nagaa irratti xiyyeeffachuun hidhuu fi ajjeesuu aadeffateera.

Exit mobile version