Godina lixa Harargee aanaa Mi’eessoo keessatti Waraanni bilxiginnaa ilmaan Oromoo irraatti hidhaa hammeessuu jiraattotni himan.
ONM – ABO – Amajjii 14, 2023 Ilmaan Oromoo hidhuu Hojii idilee isaa kan godhate murni bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa cufa keessatti ilmaan Oromoo hidhuu jabeessee itti fufuun ,godina Harargee lixaa keessatti badii tokko malee jiraattota mana hidhaatti funaanaa jiru.
Kanumaanis Amajjii 2, 2023 godina lixa Harargee aanaa Mi’eessoo araddaa Harammaaro Demmaa ganda Birkaa keessatti nama maqaansaa Ahimad Amdallaa Adam jedhamu yakka tokko malee maqaa waraana Bilisummaa Oromoo nyaachiftaa fi deeggarta jedhuun waraanni murna bilxiginnaa qabanii mana hidhaatti darbachuun hiraarsaa jiru.
Akka jiraattotni aanaa Mi’eessoo jedhanitti Ahimad Amdallaa nama hawwaasa keessatti jallatamaa fi naamusa qabu siyaasa kam keessaa illee nama qooda hin fudhannee fi hanga yoonaa mana hidhaatii hin ba’in jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.
Godina lixa Harargee aanaa Mi’eessoo keessatti Waraanni bilxiginnaa ilmaan Oromoo irraatti hidhaa hammeessuu jiraattotni himan

