ONM-ABO Amajjii 10, 2024
Ilmaan Oromoo balleessaa tokko malee qabamuun manneetii hidhaa impaayerattii keessatti hiraarfamaa jiran, reebichaa fi dararaan qorqalbii isaanii miidhu erga irratti raawwatameen booda gadi dhiisuutiif ammoo maallaqa gurguddaa humni isaanii kaffaluu hin dandeenye gaafatamaa jiru.
Haaluma kanaanis, Hidhaamtootni ilmaan Oromoo Baha Oromiyaa godina Lixa Harargee aanaa Mi’eessoo magaalaa Mi’eessoo keessatti hidhamanii jiran, dhiibbaa ulfaataa achi keessatti irratti raawwatamaa tureen booda kaadirootni Bilxiginnaa mana hidhaa irraa isaan hiikuuf maallaqa kuma soddomaa hanga kuma dhibbaa gaafachaa jiraachuu maddeen dubbataniiru.
Hidhamtoota kanniin keessaa nama Adam Aliyyee jedhamu turtii ji’a tokkoof hidhanii dararaa erga turaniin booda, mana hidhaa irraa baasuuf qarshii kuma dhibba tokko gaafatanii jiraachuu kan himan maddeen, namootni adda durummaan gochaa kana uummata irratti raawwachaa jiranis nama Shiitee fi Amee Abdallaa jedhaman ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

