ONM-ABO Bitootessa 12, 2024
Murni bilxiginnaa maallaqa guddaa dhangalaasuun Oromiyaa bakkeewwan hedduutti basaastoota Sabboontota ilmaan Oromoo akka adamsaniif bobbaasaa turuu fi hanga har’aatti illee kan itti jiraniidha.
Yeroo hedduu akkuma beekamu basaastootni kunneen maallaqaaf jecha namoota nagaa gochaa isaanii malee basaasuun akka namoota hedduu irratti ajjeechaa hanga hidhaa akkasumas qabeenyaan nama sanaa saamamu gochuu irratti argamu.
Bitootessa 4, 2024 Harargee lixaa aanaa Mi’eessoo magaalaa Mi’eessoo keessatti shamarree maqaan ishee Hamdiyaa jedhamtu dabalatee gareen basaasummaaf bobbaafaman magaalicha keessatti kan baay’inni isaanii 20 ta’an maallaqa qarshii kuma dhibba jaha (60,0000 ) yeroo jalqabaaf kennuufiin bobbaasuu isaanii keessa beektonni himan.
Basaastonni kunneenis namoota hordofuun humna waraanaa hidhatee magaalicha keessa jiru itti waamuun ajjeesisaa fi hiisisaa akkasumas nama qabeenya qabu yoo ta’e Waraana Bilisummaa Oromoo deggarta jechuun qabeenyaan isaa akka saamamu gochuuf hojjechaa jirus jedhan.
Itti dabaluun akka keessa beektonni jedhanitti shamarree sana dabalatee gareewwan isheen waliin sochootu sana irraa ilmaan Oromoo magaalichaa akka of eegannoo godhatan jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniiru.

